
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
Yesuus Bubbee Gab Gochuu Isaa
4:35Inni gaafas, yeroo galgalaaʼetti, “Kottaa gama ceenaa” isaaniin jedhe. 36Isaanis tuuta namootaa sana achitti dhiisanii Yesuusin akkuma inni bidiruu keessa jirutti fuudhanii deeman. Bidiruuwwan biraas isa wajjin turan. 37Bubbeen hamaan tokko ni kaʼe; dambaliinis bidiruu sana dhaʼee bidiruun sun bishaaniin guutamuu gaʼe. 38Yesuusis bidiruu sana keessa karaa duubaa boraatii tokko irra rafaa ture. Barattoonnis isa dammaqsanii, “Yaa barsiisaa, dhumuun keenya homaa si hin dhibuu?” jedhaniin.39Innis kaʼee bubbee sana ifate; dambalii sanaanis, “Calʼisi! Gab jedhis!” jedhe. Bubbeen sunis ni calʼise; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.
40Innis barattoota isaatiin, “Isin maaliif akkana sodaattu? Isin amma iyyuu amantii hin qabdanii?” jedhe.
41Isaanis akka malee sodaatanii, “Namichi bubbee fi dambaliin iyyuu ajajamaniif kun eenyu?” jedhanii wal gaafatan.
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.