
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
Fakkeenya Fariisichaatii fi Namicha Qaraxa Walitti Qabuu
18:9Yesuusis namoota qajeelummaa ofiitti amananii warra kaan immoo tuffatanitti akkana jedhee fakkeenya kana hime. 10“Namoonni lama Waaqa kadhachuuf gara mana qulqullummaatti ol baʼan; isaanis Fariisicha tokkoo fi nama qaraxa walitti qabu tokko turan. 11Fariisichi kaʼee dhaabatee, waaʼee mataa isaa akkana jedhee kadhate; ‘Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii jechuunis akka saamtotaa, jalʼootaa fi sagaagaltootaa keessumattuu waan akka namicha qaraxa walitti qabu kanaa hin taʼiniif sin galateeffadha. 12Ani torbanitti yeroo lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa irraas harka kudhan keessaa tokko nan kenna.’13 “Namichi qaraxa walitti qabu sun garuu fagoo dhaabate, qoma isaa dhadhaʼaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani nama cubbamaadhaatii naa naʼi!’ jedhe malee ija isaatiin illee ol jedhee gara samii hin ilaalle.
14 “Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama.”
16:24Isin hamma ammaatti maqaa kootiin homaa hin kadhanne. Akka gammachuun keessan guutuu taʼuuf kadhadhaa ni argattu.
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.