
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
Duʼuu Alʼaazaar
11:1Namichi Alʼaazaar jedhamu kan Biitaaniyaa keessa jiraatu tokko dhukkubsatee ture. Biitaaniyaan ganda Maariyaamii fi obboleettiin ishee Maartaan keessa jiraatanii dha. 2Maariyaam isheen obboleessi ishee Alʼaazaar dhukkubsate kun, isheedhuma Gooftaa shittoo dibdee rifeensa mataa isheetiin miilla isaa haqxee sanaa dha. 3Kanaaf obboleettonni isaa, “Yaa Gooftaa, inni ati jaallattu kunoo dhukkubsatee jira” jedhanii Yesuusitti dhaaman.4Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Dhibeen kun akka Ilmi Waaqaa ittiin ulfaatuuf, ulfina Waaqaatiif dhufe malee duʼaan hin gaʼu” jedhe. 5Yesuusis Maartaa fi obboleettii ishee, Alʼaazaarinis ni jaallata ture. 6Innis yommuu akka Alʼaazaar dhukkubsate dhagaʼetti guyyaa lama idduma jiru sana ture. 7Innis ergasii barattoota isaatiin, “Kottaa Yihuudaatti deebinaa” jedhe.
8Barattoonni isaa immoo, “Yaa Barsiisaa, Yihuudoonni dhiʼeenya kana dhagaadhaan si tumuu barbaadaa turan; ati amma illee deebitee achi dhaqxaa?” jedhaniin.
9Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Guyyaan tokko saʼaatii kudha lama qaba mitii? Namni guyyaan deemu waan ifa addunyaa kanaatiin arguuf hin gufatu. 10Kan halkaniin deemu garuu sababii ifni isa keessa hin jirreef ni gufata.”
11Innis erga waan kana dubbatee booddee, “Michuun keenya Alʼaazaar rafeera; ani garuu hirribaa isa kaasuu nan dhaqa” isaaniin jedhe.
12Barattoonni isaas, “Yaa Gooftaa, yoo rafee jiraate ni fayya” jedhaniin. 13Yesuus waaʼee duʼa Alʼaazaar dubbate; barattoonni isaa garuu waan inni waaʼee rafiitii hirribaa dubbate seʼan.
14Kanaafuu Yesuus akkana jedhee ifatti baasee isaanitti hime; “Alʼaazaar duʼeera; 15akka isin amantaniif ani waan achi hin turiniif waaʼee keessaniif nan gammada. Taʼus kottaa gara isaa dhaqnaa.”
16Toomaas inni Didimoos jedhamu immoo barattoota kaaniin, “Nus akka isa wajjin duunuuf kaʼaa ni dhaqnaa” jedhe.
Yesuus Obboleettota Alʼaazaar Jajjabeessuu Isaa
17Yesuus yommuu achi gaʼetti Alʼaazaar erga awwaalamee guyyaa afur akka ture beeke. 18Biitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira sadii fagaatti turte; 19Yihuudoonni baayʼeen Maartaa fi Maariyaamin sababii obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessuu dhaqanii turan. 20Maartaan yommuu dhufaatii Yesuus dhageessetti isa simachuu gad baate; Maariyaam garuu mana teesse.
21Maartaanis Yesuusiin akkana jette; “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture. 22Ammas taanaan akka waan ati Waaqa kadhattu hunda Waaqni siif kennu nan beeka.”
23Yesuusis, “Obboleessi kee ni kaʼa” jedheen.
24Maartaanis deebiftee, “Akka inni duʼaa kaʼuu guyyaa dhumaa sanatti kaʼu anuu beeka” jetteen.
25Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; 26kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?”
27Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, akka ati Kiristoos Ilma Waaqaa kan gara addunyaa dhufu sana taate nan amana” jetteen.
28Isheenis erga akkas jettee dhaqxee obboleettii ishee Maariyaamin kophaatti waamtee, “Barsiisaan dhufeera; si waamas” jetteen. 29Maariyaamis yommuu waan kana dhageessetti ariitiin kaatee gara isaa dhaqxe. 30Yesuus yeroo sana iddoo Maartaan itti isa simatte ture malee amma illee ganda sana hin seenne. 31Yihuudoonni Maariyaamin jajjabeessaa mana keessa ishee wajjin turanis yommuu akka isheen ariitiidhaan kaatee gad baate arganitti waan isheen achitti booʼuuf jettee gara awwaalaa dhaqxu seʼanii ishee duukaa buʼan.
32Maariyaamis yommuu iddoo Yesuus ture sana geessee isa argitetti, miilla isaa irratti kuftee, “Yaa Gooftaa utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” jetteen.
33Yesuusis yommuu booʼuu ishee, Yihuudoonni ishee wajjin dhufanis booʼuu isaanii argetti hafuuraan akka malee jeeqame; ni dhiphates. 34Innis, “Eessa isa keessan?” jedhee isaan gaafate.
Isaanis, “Yaa Gooftaa, kottuu ilaali” jedhaniin.
35Yesuusis imimmaan dhangalaase.
36Yihuudoonnis, “Inni hammam akka isa jaallatu mee ilaalaa!” jedhan.
37Isaan keessaa tokko tokko garuu, “Inni kan ija namicha jaamaa sanaa bane, akka namichi kunis hin duune gochuu hin dandaʼu turee?” jedhan.
Yesuus Alʼaazaarin Duʼaa Kaase
38Yesuus ammas akka malee jeeqamee gara awwaala sanaa dhaqe. Awwaalli sunis holqa balballi isaa dhagaadhaan cufame tokko ture. 39Yesuusis, “Dhagaa kana achi irraa fuudhaa!” jedhe.
Maartaan obboleettiin isa duʼe sanaa garuu, “Yaa Gooftaa, inni erga awwaalamee waan guyyaa afur tureef yoona ni ajaaʼa” jetteen.
40Yesuus immoo, “Ati yoo amante akka ulfina Waaqaa argitu ani sitti hin himnee?” jedheen.
41Kanaafuu isaan dhagicha irraa kaasan. Yesuusis ol ilaalee akkana jedhe; “Yaa Abbaa, waan ati na dhageesseef sin galateeffadha. 42Akka ati yeroo hunda na dhageessu ani beekeera; garuu akka namoonni as dhadhaabatan kunneen akka ati na ergite amananiif ani isaaniif jedheen waan kana dubbadhe.”
43Yesuusis waan kana dubbatee, “Alʼaazaar, as baʼi!” jedhee sagalee guddaadhaan iyye. 44Namichi duʼe sunis akkuma harki isaatii fi miilli isaa huccuudhaan kafanamee, fuulli isaas wayyaadhaan marametti gad baʼe.
Yesuusis, “Isa hiikaa, haa deemu” isaaniin jedhe.
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.