
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
Faasiikaa
12:1 Waaqayyos biyya Gibxi keessatti Musee fi Arooniin akkana jedhe; 2“Jiʼi kun jiʼa jalqabaa isinii haa taʼu; innis waggaa keessaa jiʼa jalqabaa isinii haa taʼu. 3Jiʼa kana keessa bultii kurnaffaatti tokkoon tokkoon namaa xobbaallaa hoolaa tokko akkuma manneen abbootii isaaniitti tokkoo tokkoo manaatii fi xobbaallaa hoolaa tokko akka fudhatu guutummaa hawaasa Israaʼelitti himaa. 4Yoo warri mana tokko jiraatan muraasa taʼanii hoolaa tokko guutummaatti fixuu baatan, isaan akkuma baayʼina namoota achi jiraataniitti ollaa isaanitti aanu wajjin haa qoodatan. Isinis akkuma waan tokkoon tokkoon namaa nyaachuu dandaʼuutti xobbaallaa hoolaa hammam akka barbaachisu murteessuu qabdu. 5Xobbaallaan keessan ilmoo hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne taʼuu qaba; xobbaallaa sanas hoolota keessaa yookaan reʼoota keessaa fudhachuu dandeessu. 6Xobbaallaa sanas hamma bultii kudha afuraffaa jiʼa kanaatti eegaa; yaaʼiin waldaa Israaʼel guutuunis galgala sana xobbaallaa sana haa qalatu. 7Ergasii immoo dhiiga sana irraa xinnoo fuudhanii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu kan mana itti xobbaallaa sana nyaatanii haa diban. 8Isaanis halkanuma sana foon sana ibiddaan waaddatanii biqiltuu hadhooftuu fi maxinoon haa nyaatan. 9Ibiddaan waaddadhaatii nyaadhaa malee foon dheedhii yookaan kan bishaaniin affeelame hin nyaatinaa; mataa isaa, lukaa fi miʼa garaa wajjin waaddadhaatii nyaadhaa. 10Hamma lafti bariitutti homaa hin hambisinaa; waan hamma ganamaatti irraa hafu garuu gubaa. 11Haalli isin itti nyaattanis kunoo ti; mudhii keessan hidhadhaa; kophee keessan miillatti kaaʼadhaa; ulee keessan illee harkatti qabadhaatii jarjarsuun nyaadhaa; inni Faasiikaa Waaqayyoo ti.12“Anis halkanuma sana Gibxi keessa nan darba; hangafa Gibxis namaa fi horii nan dhaʼa; waaqota Gibxi hundattis nan mura; ani Waaqayyo. 13Dhiigni sunis manneen isin keessa jiraattan irratti mallattoo isinii taʼa; ani yommuun dhiiga sana argutti isin irra nan darba. Yeroo ani biyya Gibxi dhaʼuttis dhaʼichi badiisaa tokko iyyuu isin hin tuqu.
14“Guyyaan kun guyyaa yaadannoo isiniif haa taʼu; akka ayyaanaatti Waaqayyoof ni ayyaaneffattu; dhaloota keessan hunda keessattis sirna bara baraa godhattanii ni eegdu. 15Isin bultii torba maxinoo nyaachuu qabdu; guyyaa jalqabaatti mana keessanii raacitii baasaa gataa; namni kam iyyuu guyyaa jalqabaatii kaasee hamma guyyaa torbaffaatti yoo buddeena bukaaʼe nyaate saba Israaʼel keessaa haa balleeffamu. 16Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; wal gaʼii qulqulluu biraa immoo guyyaa torbaffaatti qabaadhaa. Waan namni hundi nyaatu qopheessuu malee guyyoota kanneen hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa; wanni isin hojjechuu dandeessan kanuma.
17“Sababii guyyaan ani itti raayyaa keessan Gibxi keessaa baase guyyuma kana taʼeef Ayyaana Maxinoo kana ayyaaneffadhaa; guyyaa kanas sirna bara baraa godhadhaatii dhaloota keessan hunda keessatti ayyaaneffadhaa. 18Isin jiʼa jalqabaa keessa galgala bultii kudha afuraffaadhaa hamma galgala guyyaa digdamii tokkoffaatti maxinoo nyaattu. 19Bultii torbaaf raacitiin tokko illee mana keessanitti hin argamin; alagaas taʼu dhalataan biyyaa, namni waan raacitii qabu nyaatu kam iyyuu waldaa Israaʼel keessaa haa balleeffamu. 20Waan raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa; lafa jiraattan hundatti Maxinoo nyaadhaa.”
21Museen maanguddoota Israaʼel hunda ofitti waamee akkana jedheen; “Dhaqaatii maatii keessaniif xobbaallaa filadhaatii Faasiikaa qalaa. 22Hiisophii qabaa tokkoo fuudhaa; dhiiga waciitii keessa jiru sana keessa cuuphaatii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu dibaa. Isin keessaa namni tokko iyyuu hamma lafti bariitutti balbala mana ofii isaatii gad hin baʼin. 23Waaqayyo yeroo warra Gibxi dhaʼuuf biyyattii keessa darbutti michichila balbalaa lamaan irrattii fi buusaa balbalaa isa ol aanu irratti dhiiga sana argee balbala sana bira darba; akka inni waa balleessu sun mana keessan seenee isin ajjeesus hin eeyyamuuf.
24“Isinis qajeelfama kana akka seera bara baraa kan isinii fi sanyii keessaniif kennameetti kabajaa. 25Isinis yeroo biyya Waaqayyo akkuma waadaa gale sanatti isinii kennu seentanitti sirna kana eegaa. 26Yommuu ijoolleen keessan, ‘Sirni kun isiniif hiikkaa maalii qaba?’ jedhanii isin gaafatanitti, 27akkana jedhaa isaanitti himaa; ‘Kun qalma Faasiikaa Waaqayyoo ti; inni yeroo warra Gibxi dhaʼetti manneen Israaʼeloota Gibxi keessa turan sanaa irra darbee manneen keenya nuuf oolcheeraatii.’ ” Kana irratti namoonni gad jedhanii waaqeffatan. 28Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee fi Aroonin ajaje sana godhan.
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.