Macaa Amantaa

Barnoota 4

Ajaja Haaraa

Yohannis 13:31-35

Kutaa 1: Asoosama dubbisi

Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.

x1.0

Yesuus Akka Phexros Isa Ganu Duraan Dursee dubbate

13:31Erga Yihuudaan gad baʼee booddee Yesuus akkana jedhe; “Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Waaqnis isaan ulfina argateera. 32Waaqni erga isaan ulfina argatee, Waaqni ofuma isaatiin Ilma ulfeessa; inni takkumaan isa ulfeessa.

33 “Yaa ijoolle, ani yeroo gabaabaaf isin wajjinan jira. Isin na barbaaddu; ani akkuma Yihuudootaan, ‘Iddoo ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan’ jedhe sana ammas isiniin nan jedha.

34 “Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa. 35Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”

Kutaa 2: Akkaataan Gabaasa Gaarii

Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.

Kutaa 3: Odeeffannoo Barbaadi

Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.


Get it on Google Play
Download on the App Store

Get Discovery Bible Studies on your phone

Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.