
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
Yesuusii fi Zakkewoos
19:1Yesuus Yerikoo seenee achi keessa darbaa ture. 2Namichi Zakkewoos jedhamu tokkos achi ture; innis hangafa warra qaraxa walitti qabaniitii fi sooressa ture. 3Innis Yesuus nama akkamii akka taʼe arguu barbaade; garuu gabaabaa waan tureef, sababii baayʼina namootaatiif isa arguu hin dandeenye. 4Yesuus waan karaa sana irra darbaa tureef, Zakkewoos isa arguuf jedhee fiigee dura darbee muka qilxuu tokko yaabe.5Yesuus yommuu iddoo sana gaʼetti ol milʼatee, “Yaa Zakkewoos, harʼa mana kee ooluun narra jiraatii dafii gad buʼi” jedheen. 6Innis yommusuma gad buʼee gammachuudhaan isa simate.
7Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti, “Inni keessummaa ‘Nama cubbamaa’ taʼuu dhaqe!” jedhanii guungumuu jalqaban.
8Zakkewoos garuu kaʼee dhaabatee Gooftaadhaan, “Yaa Gooftaa kunoo, ani walakkaa qabeenya koo hiyyeeyyiif nan kenna; ani yoon nama tokko illee gowwoomsee saamee jiraadhe, waanan fudhadhe sana harka afur godhee nan deebisa” jedhe.
9Yesuus deebisee akkana jedheen; “Namichi kunis waan ilma Abrahaam taʼeef, harʼa fayyinni mana kanaaf dhufeera. 10Ilmi Namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuudhaaf dhufeetii.”
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.