Fayyina: Raajii Isaayyaas kan tajaajilaa dhiphachuu
Isaayyaas 53:1-12
Kutaa 1: Asoosama dubbisi
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
x1.0
53:1Ergaa keenya eenyutu amane?
Irreen Waaqayyoos eenyutti mulʼate?
2Inni fuula isaa duratti akkuma biqiltuu kichuu,
akkuma hidda lafa gogaa keessaa baʼu tokkootti guddate.
Akka nu isa ilaalluuf, inni bifa hin tolu, optbreak/> yookaan simboo hin qabu;
akka nu isa hawwinuufis miidhagina hin qabu.
3Inni nama biratti tuffatamee jibbame;
inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha.
Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii,
inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef.
4Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate;
gadda keenyas baate;
nu garuu akka waan Waaqni isa dhaʼeetti,
akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.
5Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname;
balleessaa keenyaafis caccabsame;
nu adabamuu isaatiin nagaa arganne;
madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.
6Hundi keenya akka hoolaa
karaa irraa badnee turre;
tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre;
Waaqayyos balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe.
7Inni ni cunqurfame; ni dhiphates;
garuu afaan isaa hin saaqqanne;
inni akkuma ilmoo hoolaa kan iddoo qalmaatti geeffamuu,
akkuma hoolaa fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu,
akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.
8Inni cunqursaa fi murtiidhaan fudhatame.
Eenyutu waaʼee dhaloota isaa dubbachuu dandaʼa?
Inni biyya jiraattotaa irraa kutameeraatii;
dogoggora saba kootiifis rukutameera.
9Inni goolii kaasuu baatu iyyuu,
yookaan sobni afaan isaatii baʼuu baatu iyyuu
akka awwaalli isaa hamoota wajjin
duuti isaas sooreyyii wajjin taʼu godhan.
10Taʼus isa dirmammeessuu fi isa dhiphisuun fedhii Waaqayyoo ture;
Waaqayyo lubbuu isaa aarsaa yakkaa godhu iyyuu
inni sanyii isaa ni arga; umurii isaas ni dheeressa;
fedhiin Waaqayyoos harka isaatti ni raawwatama.
11Inni erga lubbuun isaa dhiphatee booddee,
ifa ni arga; ni gammadas;
garbichi koo qajeelaan sun beekumsa isaatiin namoota baayʼee optbreak/> qajeeltota taasisa;
yakka isaaniis ni baata.
12Kanaafuu ani gurguddoota gidduutti qooda nan kennaaf;
innis jajjaboota wajjin boojuu ni qooddata;
inni lubbuu isaa duʼaaf kennee
yakkitootatti lakkaaʼameeraatii.
Taʼus inni cubbuu nama hedduu baatee
yakkamtootaaf araara buuseera.