
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
Dhalachuu Yesuus
1:26Jiʼa jaʼaffaattis Gabriʼeel Ergamichi Waaqa biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame; 27innis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture. 28Ergamaan Waaqaa sunis gara ishee dhaqee, “Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira” jedhe.29Maariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, “Kun nagaa akkamiitii?” jettee yaadde. 30Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; “Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii. 31Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta. 32Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf; 33inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu.”
34Maariyaamis, “Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?” jettee ergamaa sana gaafatte.
35Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama. 36Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti. 37Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii.”
38Maariyaamis, “Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu” jetteen. Ergamichis ishee dhiisee deeme.
Dhalachuu Yesuus
2:1Bara sana keessa akka addunyaan Roomaa hundi galmeeffamuuf Awugisxoos Qeesaar biraa labsiin baʼe. 2Lakkoobsi sabaa kunis bara Qereenewoos bulchaa biyya Sooriyaa turetti yeroo jalqabaatiif taasifame. 3Namni hundinuu galmeeffamuuf gara magaalaa itti dhalatee dhaqe.4Yoosefis manaa fi sanyii Daawit keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawit ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe. 5Innis kaadhima isaa Maariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe. 6Utuma isaan achi jiranuus yeroon daʼumsa ishee gaʼe. 7Isheenis ilma ishee isa hangafa deesse. Waan mana bultii keessummootaa keessa iddoon hin jiraatiniif huccuudhaan martee bidiruu keessa isa ciibsite.
Tiksootaa fi Ergamoota Waaqaa
8Tiksoota halkan halkan ala bulanii bushaayee isaanii tikfatanitu biyya sana ture. 9Ergamaan Gooftaa isaanitti mulʼate; ulfinni Gooftaas naannoo isaaniitti ibse; isaanis akka malee sodaatan. 10Ergamaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii. 11Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha. 12Kunis mallattoo isiniif taʼa: Daaʼima huccuudhaan maramee bidiruu keessa ciisu tokko ni argitu.”
13Ergamaa sana wajjinis raayyaan samii irraa baayʼeen akkuma tasaa mulʼatanii Waaqa galateeffachaa akkana jedhan;
14“Samii gubbaatti ulfinni Waaqaaf,15Erga Ergamoonni tiksoota dhiisanii gara samiitti ol baʼanii booddee tiksoonni sun, “Kottaa Beetlihemin dhaqnee waan taʼe kan Gooftaan nutti hime kana ilaalaa” waliin jedhan.
16Isaanis dafanii dhaqanii Maariyaamii fi Yoosefin, daaʼima bidiruu keessa ciisus argan. 17Yommuu isa arganitti waan waaʼee mucichaa isaanitti himame sana odeessan; 18warri waan kana dhagaʼan hundinuu waan tiksoonni isaanitti himan sana ni dinqifatan. 19Maariyaam garuu waan kana hunda garaatti qabattee itti yaadaa turte. 20Tiksoonnis sababii waan dhagaʼanii fi arganiitiif Waaqaaf ulfina kennaa, isa jajachaas deebiʼan; wanni hundinuu akkuma isaanitti himame sana tureetii.
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.