
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
26:26Utuu nyaachaa jiranuus Yesuus buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, “Fudhadhaa nyaadhaa; kun foon koo ti” jedhee barattoota isaatiif kenne.
27Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; akkanas jedhe; “Hundi keessan kana irraa dhugaa. 28Kun dhiiga koo, dhiiga kakuu haaraa kan dhiifama cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaafamuu dha. 29Ani isinitti nan hima; ani hamman guyyaa isin wajjin mootummaa Abbaa koo keessatti deebiʼee dhugutti ammaa jalqabee ija wayinii kana irraa hin dhugu.”
30Isaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan.
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.