Macaa Amantaa

Barnoota 26

Fayyina: Yesuus ni ganuun ni murtaa'e

Yohannis 18:1-40, 19:1-16

Kutaa 1: Asoosama dubbisi

Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.

x1.0

Yesuus Qabame

18:1Yesuus wantoota kanneen dubbatee barattoota isaa wajjin Sulula Qeediroon gama iddoo biqiltuun ture tokkotti ceʼe; innis, barattoonni isaas achi keessa seenan.

2Yesuus yeroo baayʼee barattoota isaa wajjin achitti wal argaa waan tureef, Yihuudaan inni Yesuusin dabarsee kennu sunis iddoo sana beeka ture. 3Kanaafuu Yihuudaan tuuta loltootaatii fi qondaaltota luboota hangafootaa fi Fariisota biraa ergaman dura deemaa achi dhufe. Isaanis guca, ibsaa fi miʼa lolaa qabatanii turan.

4Yesuusis waan isa irra gaʼuuf jiru hunda beeknaan gad baʼee, “Isin eenyun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.

5Isaanis deebisanii, “Yesuus isa Naazreeti” jedhan.

Yesuus immoo, “Ani isaa dha” jedhe. Yihuudaan inni dabarsee isa kennu sunis jara wajjin achi dhaabachaa ture. 6Yommuu Yesuus, “Ani isaa dha” isaaniin jedhetti dugda duubatti deebiʼanii lafatti kukkufan.

7Inni ammas, “Isin eenyun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.

Isaanis, “Yesuus isa Naazreeti” jedhan.

8Yesuusis deebisee, “Ani, ‘Ani isaa dha’ isiniin jedheera. Kanaafuu, isin yoo na barbaaddan namoota kanneen dhiisaa haa deemanii!” jedhe. 9Kunis akka dubbiin inni, “Ani warra ati naa kennite keessaa tokko illee hin ganne” jedhee dubbate sun raawwatamuuf taʼe.

10Simoon Phexros goraadee qabu luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute. Maqaan garbicha sanaas Maalkoosii dha.

11Yesuusis Phexrosiin, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi! Ani xoofoo Abbaan naa kenne hin dhuguu?” jedhe.

Yesuus Haannaatti Geeffame

12Tuunni loltootaa, ajajaan isaaniitii fi eegdonni Yihuudootaas Yesuusin qabanii hidhan. 13Isaanis duraan dursanii Haannaasitti isa geessan; Haannaas abbaa niitii Qayyaaffaa ti; Qayyaaffaan immoo bara sana luba ol aanaa ture. 14Qayyaaffaan isa akka namni tokko uummataaf duʼuun wayyu Yihuudoota gorsee turee dha.

Phexros Yeroo Jalqabaatiif Yesuusin Ganuu Isaa

15Simoon Phexrosii fi barataan biraa Yesuus faana buʼan. Barataan sunis waan luba ol aanaa biratti beekamaa tureef, Yesuus wajjin dallaa luba ol aanaa keessa seene; 16Phexros garuu balbala dura ala dhaabachaa ture. Barataan luba ol aanaa biratti beekamaa ture kaan gad baʼee intala balbala eegdutti himee Phexrosin ol seensise.

17Intalli balbala eegdu sunis Phexrosiin, “Atis barattoota namicha kanaa keessaa tokko mitii?” jette.

Inni immoo deebisee, “Ana miti” jedhe.

18Yeroon isaa waan dhaamocha tureef garboonnii fi eegdonni ibidda qabsiifatanii dhadhaabatanii qaqqaammachaa turan. Phexrosis isaan wajjin dhaabatee qaqqaammachaa ture.

Gaaffii Lubichi Ol aanaan Yesuusiif Dhiʼeesse

19Yommus lubni ol aanaan Yesuusin waaʼee barattoota isaatii fi waaʼee barsiisa isaa gaafate.

20Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani ifaan ifatti addunyaatti dubbadheera; iddoo Yihuudoonni hundi itti walitti qabamanitti, manneen sagadaattii fi mana qulqullummaa keessattis ani yeroo hunda barsiisaan ture. Ani waan tokko illee icciitiidhaan hin dubbanne. 21Ati maaliif na gaafatta? Warra waan ani isaaniin jedhe dhagaʼan gaafadhu. Kunoo isaan waan ani jedhe beeku.”

22Yommuu Yesuus wantoota kanneen jedhetti qondaaltota achi ijaajjaa turan keessaa tokko, “Luba ol aanaaf akkana deebiftaa?” jedhee isa kabale.

23Yesuusis deebisee, “Yoo ani waan hamaa dubbadhee jiraadhe, waan hamaa sana dhugaa baʼi. Yoo ani waan qajeelaa dubbadhee jiraadhe garuu ati maaliif na rukutta?” jedhe. 24Haannaasis Yesuusin akkuma inni hidhamee jirutti gara lubicha ol aanaa, gara Qayyaaffaatti erge.

Phexros Yeroo Lammaffaa fi Sadaffaa Yesuusin Ganuu Isaa

25Simoon Phexros dhaabatee ibidda qaqqaammachaa ture. Kanaafuu isaan, “Atis barattoota isaa keessaa tokko mitii?” jedhaniin.

Inni immoo, “Ana mitii” jedhee haale.

26Garboota luba ol aanaa keessaas firri namicha Phexros gurra isaa irraa kute sanaa tokko, “Ani iddoo biqiltuutti isa wajjin si hin arginee?” jedheen. 27Phexros ammas ni gane; yommusuma indaanqoon iyye.

Yesuus Fuula Phiilaaxoos Duratti

28Yihuudoonnis Yesuusin mana Qayyaaffaatii fuudhanii masaraa bulchaa warra Roomaatti geessan. Yeroon sun ganama barii ture; Yihuudoonnis akka hin xuroofneef jedhanii masaraa ol hin seenne; kunis akka Faasiikaa nyaachuu dandaʼaniif. 29Kanaafuu Phiilaaxoos gara isaaniitti gad baʼee, “Himanni isin namicha kana irratti dhiʼeessitan maali?” jedhee gaafate.

30Isaanis, “Utuu namichi kun yakka hojjechuu baatee nu silaa isa dabarsinee sitti hin kenninu ture” jedhanii deebisaniif.

31Phiilaaxoosis, “Isin ofuma keessanii isa fuudhaatii akka seera keessaniitti itti muraa” jedheen.

Yihuudoonnis, “Nu garuu nama tokko illee ajjeesuuf mirga hin qabnu” jedhaniin. 32Kunis wanni Yesuus akka duʼa akkamiitiin duʼuuf jiru argisiisuuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf taʼe.

33Phiilaaxoos ammas masaraa mootummaa seene; Yesuusinis ofitti waamee, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate.

34Yesuusis, “Waan kana sumatu jedhe moo namoota biraatu waaʼee koo sitti hime?” jedhee gaafate.

35Phiilaaxoosis deebisee, “Anatu Yihuudiidhaa ree? Kan dabarsee natti si kenne sabuma keetii fi luboota hangafoota. Garuu ati maali gooteeti?” jedheen.

36Yesuusis, “Mootummaan koo kan addunyaa kanaati miti. Utuu kan addunyaa kanaa taʼee silaa akka ani dabarfamee Yihuudootatti hin kennamneef tajaajiltoonni koo naa lolu turan. Amma garuu mootummaan koo kan addunyaa kanaa miti” jedhe.

37Phiilaaxoosis, “Yoos ati mootii dha kaa!” jedheen.

Yesuus immoo, “Akka ani mootii taʼe atuu jette. Dhugumaan wanni ani dhaladhee gara addunyaa dhufeefis dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf. Namni dhugaaf dhaabatu hundinuu sagalee koo dhagaʼa” jedhee deebise.

38Phiilaaxoosis, “Dhugaan maal inni?” jedheen. Innis erga waan kana dubbatee booddee amma illee Yihuudootatti gad baʼee akkana jedheen; “Ani balleessaa tokko illee isa irratti hin arganne. 39Garuu isin akka ani yeroo Faasiikaatti nama tokko gad isinii dhiisu bartee godhattaniirtu. Kanaafuu akka ani, ‘Mootii Yihuudootaa’ gad isiniif dhiisu barbaadduu?”

40Isaan amma illee iyyanii, “Lakki, Barabbaas malee isa miti!” jedhan. Barbaas kun saamtuu ture.

Fannifamuun Yesuusitti Murame

19:1Phiilaaxoosis Yesuusin fuudhee garafsiise. 2Loltoonnis gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Isaanis uffata dhiilgee isatti uffisanii, 3“Akkam ree, yaa Mootii Yihuudootaa!” jechaa gara isaatti deddeebiʼaa turan. Isas ni kabalan.

4Phiilaaxoos amma illee gad baʼee Yihuudootaan, “Akka ani balleessaa tokko illee isa irratti hin argatin akka beektaniif kunoo ani isa gad isiniifin baasa” jedhe. 5Yesuusis gonfoo qoraattii kaaʼatee, wayyaa dhiilgees uffatee gad baʼe; Phiilaaxoosis, “Namichi kunoo ti!” isaaniin jedhe.

6Luboonni hangafoonnii fi qondaaltonni isaanii yommuu isa arganitti, “Fannisi! Fannisi!” jedhanii iyyan.

Phiilaaxoos immoo deebisee, “Isin ofuma keessanii fuudhaatii isa fannisaa malee ani balleessaa tokko iyyuu isa irratti hin arganne” jedheen.

7Yihuudoonnis deebisanii, “Nu seera qabna; namichi kun waan Ilma Waaqaa of godheef akka seera keenyaatti duʼuu qaba” jedhan.

8Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti ittuma caalchisee sodaate. 9Innis masaraatti ol deebiʼee, “Ati nama eessaati?” jedhee Yesuusin gaafate. Yesuus garuu deebii tokko iyyuu hin kennineef. 10Phiilaaxoosis, “Ati na jalaa dubbachuu diddaa? Akka ani gad si dhiisuuf taayitaa qabuu fi akka ani si fannisuuf taayitaa qabu ati hin beektuu?” jedheen.

11Yesuus immoo, “Ati utuu olii siif kennamuu baatee silaa taayitaa tokko illee narratti hin qabdu ture. Kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun cubbuu cubbuu caalu qaba” jedhee deebiseef.

12Phiilaaxoosis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin gad dhiisuu barbaada ture; Yihuudoonni garuu, “Ati yoo namicha kana gad dhiifte michuu Qeesaar miti. Namni mootii of godhu kam iyyuu Qeesaariin morma” jedhanii iyyan.

13Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti Yesuusin gad baasee, iddoo “Dhagaa Afamaa” kan afaan Ibraayisxiitiin “Gabataa” jedhamutti barcuma murtii irra taaʼe. 14Guyyaan sunis guyyaa Qophii Faasiikaa ture; yeroon isaas gara saʼaatii jaʼaa ture.

Phiilaaxoosis Yihuudootaan, “Mootiin keessan kunoo ti!” jedhe.

15Isaan garuu, “Isa balleessi! Isa balleessi! Isa fannisi!” jedhanii iyyan.

Phiilaaxoos immoo, “Mootii keessan fannisu moo?” jedhee gaafate.

Luboonni hangafoonnis, “Nu Qeesaar malee mootii biraa hin qabnu” jedhanii deebisaniif.

16Kanaaf Phiilaaxoos akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti kenne.

Yesuus Fannifame

Isaanis Yesuusin fuudhanii deeman.

Kutaa 2: Akkaataan Gabaasa Gaarii

Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.

Kutaa 3: Odeeffannoo Barbaadi

Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.


Get it on Google Play
Download on the App Store

Get Discovery Bible Studies on your phone

Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.