
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
Yesuus Duʼaa Kaʼuu Isaa
24:1Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii, dubartoonni sun urgooftuu qopheessan sana fudhatanii gara awwaalaa dhaqan. 2Isaanis dhagaa sana balbala awwaalaa irraa gara galfamee argan; 3yommuu seenanitti garuu reeffa Gooftaa Yesuus hin arganne. 4Utuma isaan waaʼee kanaa dinqisiifachaa jiranuu, namoonni uffata caccalaqqisaa uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. 5Dubartoonni sunis sodaatanii mataa buusanii lafa ilaalan; namoonni sun garuu akkana isaaniin jedhan; “Isin maaliif warra duʼan keessa isa jiraataa barbaaddu? 6Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa. 7‘Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama; ni fannifama; guyyaa sadaffaatti immoo ni kaafama’ jedhee tureetii.” 8Dubartoonnis dubbii isaa yaadatan.9Isaanis yommuu iddoo awwaalaatii deebiʼanitti waan kana hunda barattoota kudha tokkottii fi namoota hafan hundatti himan. 10Warri waan kana ergamootatti himanis Maariyaam ishee Magdalaa, Yohaanaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota biraa warra isaan wajjin turanii dha. 11Isaan garuu sababii dubbichi oduu sobaa itti fakkaateef dubartoota sana hin amanne. 12Taʼus Phexros kaʼee gara awwaala sanaatti fiige. Yommuu gad jedhee ilaalettis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qofa arge; innis waan arge sana dinqifachaa deebiʼe.
Karaa Gara Emaahuus Geessu Irratti
13Guyyuma sana isaan keessaa namoonni lama ganda Emaaʼuus jedhamu dhaqaa turan; Emaaʼuusis Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira kudha tokkoo fagaata. 14Isaanis waaʼee waan taʼe sana hundaa walitti dudubbachaa turan. 15Utuma isaan walitti dudubbachaa fi wajjin haasaʼaa jiranuus Yesuus mataan isaa itti dhiʼaatee isaan wajjin deemuu jalqabe. 16Garuu akka isaan isa hin hubanneef iji isaanii qabamee ture.
17Innis, “Wanni isin dudubbachaa deemtan kun maali?” jedhee isaan gaafate.
Isaanis gaddanii achuma dhadhaabatan. 18Isaan keessaa namichi Qileyoophaa jedhamu tokko immoo deebisee, “Waan gidduu kana achitti taʼe kan hin beekne ati Yerusaalemiif keessummaadhaa?” jedheen.
19Innis, “Maal faatu taʼe?” jedhee gaafate.
Isaanis deebisanii akkana jedhan, “Waaʼee Yesuus nama Naazreeti; inni raajii ture; fuula Waaqaatii fi fuula nama hundaa durattis dubbii fi hojiidhaan jabaa ture. 20Luboonni hangafoonnii fi bulchitoonni keenya akka duuti itti muramuuf dabarsanii isa kennan; isa fannisanis. 21Nu garuu namni Israaʼelin furu isa jennee abdannee turre. Kana irratti immoo erga wanni kun hundi taʼee harʼa guyyaa sadaffaa dha. 22Akkasumas dubartoota keenya keessaa tokko tokko nu dinqisiisaniiru; isaanis barii barraaqaan gara awwaala sanaa dhaqanii, 23reeffa isaa achii dhaban. Dubartoonni sunis deebiʼanii akka ergamoonni isaanitti mulʼatanii, Yesuus jiraataa taʼuu isaa isaanitti himan nutti odeessan. 24Warra nu wajjin turan keessaas namoonni tokko tokko gara awwaalaa dhaqanii akka wanni sun akkuma dubartoonni nutti odeessan sana taʼe argan; isa garuu hin argine.”
25Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa warra hin hubannee fi warra waan raajonni dubbatan hunda amanuuttis mataa jabaattan! 26Kiristoos waan kana hundaan dhiphatee ergasii immoo ulfina isaatti galuu hin qabu turee?” 27Innis Musee fi raajota hunda irraa jalqabee waan Katabbiiwwan Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbatame isaaniif ibse.
28Yommuu ganda dhaqaa turan sanatti dhiʼaatanittis Yesuus waan darbee deemu of fakkeesse. 29Isaan garuu, “Sababii galgalaaʼuu gaʼee fi dukkanaaʼaa jiruuf, nu bira buli” jedhanii jabeessanii isa kadhatan. Innis isaan bira buluuf gore.
30Innis yommuu isaan wajjin maaddiitti dhiʼaatetti buddeena fuudhee, eebbisee, caccabsees isaaniif kenne. 31Iji isaanii ni baname; isas ni beekan; innis ija isaanii duraa dhokate. 32Isaanis, “Yeroo inni karaatti nu wajjin dubbachaa turee fi yeroo inni Katabbiiwwan Qulqulluu nuu ibsaa ture sana, garaan keenya nu keessatti bobaʼaa hin turree?” jedhanii wal gaafatan.
33Yeruma sanas kaʼanii Yerusaalemitti deebiʼan; achitti immoo barattoota kudha tokkoo fi namoota isaan wajjin turan sana walitti qabamanii argan. 34Warri walitti qabaman sunis, “Dhugumaan Gooftaan duʼaa kaʼeera; Simoonittis mulʼateera” jechaa turan. 35Namoonni lamaan sunis waan karaa irratti taʼe hundumaa fi yeroo Yesuus buddeena caccabse sana akkamitti akka isa beekan odeessan.
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.