
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
Yesuus Barattootatti Mulʼachuu Isaa
24:36Utuu isaan waan kana dudubbachaa jiranuu, Yesuus mataan isaa isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu” jedheen.37Isaan garuu waan ekeraa argan seʼanii naʼan; ni sodaatanis. 38Innis akkana isaaniin jedhe; “Maaliif sodaattu? Mamiinis maaliif garaa keessan keessatti uumama? 39Akka anuma mataa koo taʼe mee harka koo fi miilla koo ilaalaa! Qaqqabadhaatii na ilaalaa; ekeraan foonii fi lafee hin qabu; ani garuu akkuma isin argitan kana foonii fi lafee qaba.”
40Innis waan kana dubbatee harka isaatii fi miilla isaa isaanitti argisiise. 41Utuma isaan sababii gammachuutii fi sababii dinqifannaatiif amma illee hin amanin, “Isin waan nyaatamu asii qabduu?” jedhee isaan gaafate. 42Isaanis qurxummii waadame kennaniif; 43innis fudhatee fuuluma isaanii duratti nyaate.
44Innis, “Yeroo ani isin bira turetti, ‘Wanni seera Musee keessatti, kitaabota raajotaatii fi kitaaba faarfannaa keessatti waaʼee koo barreeffame hundi raawwatamuu qaba’ jedhee isinitti hime sun isa kana” jedheen.
45Innis akka isaan Katabbiiwwan Qulqulluu hubataniif qalbii isaanii baneef. 46Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni barreeffame akkana jedha; ‘Kiristoos ni dhiphata; guyyaa sadaffaatti immoo warra duʼan keessaa ni kaʼa; 47maqaa isaatiinis qalbii jijjiirrachuunii fi dhiifamni cubbuu Yerusaalemii jalqabee saba hundatti ni lallabama.’ 48Isinis dhuga baatota waan kanaa ti. 49Kunoo ani waan Abbaan koo waadaa isinii gale sana isiniif nan erga; isin garuu hamma olii humna uffattanitti magaalaa Yerusaalem keessa turaa.”
Yesuus Samiitti Ol Baʼe
50Innis achii baasee hamma Biitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lamaanis ol kaafatee isaan eebbise. 51Utuma isaan eebbisaa jiruus isaan dhiisee samiitti ol fudhatame. 52Isaanis isaaf sagadanii gammachuu guddaadhaan Yerusaalemitti deebiʼan. 53Yeroo hundas mana qulqullummaa keessatti Waaqa galateeffachaa turan.
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.