
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
Bishaan Badiisaa
6:1Yeroo namoonni biyya lafaa irratti baayʼachuu jalqabanii intallan dhalataniifitti, 2Ilmaan Waaqaa akka intallan namootaa babbareedoo taʼan argan; isaan keessaas abbuma filatan fuudhan. 3Yommus Waaqayyo, “Namni waan foon taʼeef Hafuurri koo bara baraan isa keessa hin jiraatu; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo fi digdama taʼa” jedhe.4Bara sanaa fi ergasiis Nefiiliimonni lafa irra turan; ilmaan Waaqaas yommuu gara intallan namaa dhaqanitti ijoollee dhalchan. Isaanis gootota durii warra beekamoo turan.
5 Waaqayyos akka jalʼinni namaa lafa irratti baayʼatee, wanni namni yeroo hunda garaa isaatti yaadu hundinuus jalʼaa qofa taʼe arge. 6Waaqayyos waan lafa irratti nama uumeef ni gaabbe; garaan isaas ni gadde. 7Kanaafuu Waaqayyo, “Ani sanyii namaa kan ofii kootiin uume lafa irraa nan balleessa. Namaa fi horii, uumama lafa irra munyuuqu, simbirroota samii nan balleessa; ani isaan uumuu kootti gaabbeeraatii” jedhe. 8Nohi garuu fuula Waaqayyoo duratti surraa argate.
9Seenaan Nohii fi maatii isaa kanaa dha.
Nohi namoota bara isaa turan gidduutti nama qajeelaa, nama hirʼina hin qabne kan Waaqa wajjin deddeebiʼu ture. 10Nohi ilmaan sadii dhalche; isaanis: Seem, Haamii fi Yaafet.
11Lafti fuula Waaqaa duratti faalamtee jeequmsaan guutamte turte. 12Sababii namoonni lafa irraa hundinuu karaa isaanii faalaniif, Waaqni akka lafti faalamte arge. 13Kanaafuu Waaqni Nohiin akkana jedhe; “Waan lafti sababii isaaniitiin jeequmsaan guutamteef, ani nama hunda nan balleessa; kunoo ani dhugumaan lafaa fi isaan nan barbadeessa. 14Ati muka Goofar irraa doonii tolfadhu; keessa isaattis kutaa garaa garaa qopheessi; keessaa fi duuba isaas hapheedhaan duuchi. 15Haalli ati ittiin doonicha tolchitu kanaa dha; dheerina isaa dhundhuma dhibbaa sadii, balʼina isaa dhundhuma shantama, ol dheerina isaa dhundhuma soddoma godhi. 16Doonichaaf bantii dhundhuma tokko ol kaʼu hojjedhu; cinaacha isaa irrattis balbala baasi; kanas abbaa darbii sadii jechuunis kan gadii, kan gidduutii fi kan gubbaa godhii hojjedhu. 17Kunoo, ani uumamawwan lubbu qabeeyyii hunda samii jalaa balleessuuf bishaan badiisaa lafatti nan fida; wanni lafa irra jiraatu hundinuus ni bada. 18Si wajjin garuu kakuu nan gala; atis doonii seenta; atii fi ilmaan kee, niitiin keetii fi niitonni ilmaan keetiis ni seentu. 19Uumamawwan lubbu qabeeyyii hundumaa keessaa akka isaan si wajjin jiraataniif lama lama, kormaa fi dhalaa doonichatti galchi. 20Simbirroota keessaa akkuma gosa gosa isaaniitti, horii keessaa akkuma gosa gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaas akkuma gosa gosa isaaniitti, lama lama taʼanii jiraachuuf gara kee dhufu. 21Waan nyaatamu hunda keessaa waa fuudhii of biratti walitti qabi! Kunis nyaata keetii fi nyaata isaanii ni taʼa.”
22Nohi akkuma Waaqni isa ajajetti waan hunda hojjete.
7:1 Waaqayyos Nohiin akkana jedhe; “Ani akka ati dhaloota kana keessaa na duratti qajeelaa taate argeeraatii maatii kee hundumaa wajjin doonicha seeni. 2Bineensa qulqulluu gosa hunda keessaa kormaa fi dhalaa cimdii torba, bineensa qulqulluu hin taʼin gosa hunda keessaa cimdii tokko, 3gosa simbirrootaa hunda keessaa illee akka sanyiin lafa hunda irratti hafee jiraatuuf kormaa fi dhalaa cimdii torba fudhadhuu seeni. 4Ani guyyaa torba booddee halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama bokkaa nan roobsa; uumama jiraataa ani mataan koo uume hunda lafa irraa nan haxaaʼa.”
5Nohis waan Waaqayyo isa ajaje hunda ni hojjete.
6Yeroo bishaan badiisaa dhufetti Nohi nama waggaa dhibba jaʼa ture. 7Nohii fi ilmaan isaa, niitii isaatii fi niitonni ilmaan isaa bishaan badiisaa jalaa baʼuuf doonii seenan. 8Bineensonni qulqulluu fi kan qulqulluu hin taʼin, simbirroonnii fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundi, cimdii cimdiidhaan, 9kormaa fi dhalaan gara Nohi dhufanii akkuma Waaqni Nohiin ajajetti doonicha seenan. 10Guyyaa torba booddee bishaan badiisaa lolaʼee lafa guute.
11Bara jireenya Nohi waggaa dhibba jaʼaffaa keessa, jiʼa lammaffaatti, jiʼa sana keessaas guyyaa kudha torbaffaatti burqaawwan tuujuba gurguddaa hundi ni dhoʼan; foddaawwan bishaan samiis ni banaman. 12Bokkaanis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafatti roobe.
13Guyyuma sana Nohii fi ilmaan isaa, Seem, Haamii fi Yaafet, niitii isaatii fi niitota ilmaan isaa sadanii wajjin doonicha seenan. 14Isaanis bineensota hunda, akkuma gosa isaaniitti, horii hunda akkuma gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundaa fi simbirroota hunda akkuma gosa isaaniitti, waan qoochoo qabu hundas of faana fudhatanii seenan. 15Uumamawwan hafuura jireenyaa of keessaa qaban hundinuus cimdii cimdiidhaan gara Nohi dhufanii doonicha seenan. 16Bineensonni akkuma Waaqni Nohin ajajetti dooniitti galan kormaa fi dhalaa uumamawwan lubbu qabeeyyii hundaa turan; ergasii immoo Waaqayyo alaan itti cufe.
17Bishaan badiisaas ittuma fufee guyyaa afurtamaaf lafa irra ture; bishaan sunis dabalaa deemee doonii sana lafa irraa ol kaase. 18Bishaanichis ol kaʼee lafa irratti akka malee baayʼate; dooniin sunis bishaanicha irra deeme. 19Bishaanichis akka malee ol kaʼaa deemee tulluuwwan samii jala jiran hunda haguuge. 20Bishaanichi dhundhuma kudha shan caalaa ol kaʼuudhaan tulluuwwan dhokse. 21Uumamawwan lubbu qabeeyyiin lafa irra jiraatan hundi jechuunis, simbirroonni, horiin, bineensonni, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundii fi namoonni hundi ni barbadaaʼan. 22Wanni lafa gogaa irra jiraatu kan funyaan isaatiin hafuura jireenyaa baafatu hundinuu ni duʼe. 23Uumamawwan lubbu qabeeyyiin lafa irra jiraatan hundinuu ni haxaaʼaman; namnii fi horiin, uumamawwan lafa irra munyuuqanii fi simbirroonni samii, lafa irraa ni haxaaʼaman. Nohii fi warra isa wajjin doonii keessa turan qofattu hafe.
24Bishaan sunis bultii dhibba tokkoo fi shantama lafa irra lolaʼe.
8:1Waaqni garuu Nohin, bineensotaa fi horii isa wajjin doonii keessa turan hunda yaadate. Innis bubbee lafatti erge; bishaanichis gad gale. 2Burqaawwan tuujubawwaniitii fi foddaawwan samiiwwanii ni cufaman; bokkaan samii keessaa gad roobus ni caame. 3Bishaan sunis suutuma suuta lafa irraa hirʼachaa deemee dhuma bultii dhibba tokkoo fi shantamaatti gad buʼe. 4Dooniin sunis guyyaa kudha torbaffaa jiʼa torbaffaatti tulluu Araaraati gubbaa qubate. 5Bishaanichi hamma jiʼa kurnaffaatti gaduma galaa deeme. Guyyaa jalqaba jiʼa kurnaffaattis mataawwan tulluuwwanii mulʼatan.
6Guyyaa afurtama booddee Nohi foddaa dooniitti baasee ture sana bane; 7innis arraagessa tokko gad dhiise; arraagessi sunis hamma bishaanichi lafa irraa gogutti asii fi achi deddeebiʼaa ture. 8Ergasii immoo akka bishaanichi lafa irraa hirʼate hubachuuf gugee tokko erge. 9Garuu sababii bishaan lafa hunda irra guutee jiruuf gugeen sun iddoo qubatu dhabdee gara Nohi dooniitti deebite. Innis harka isaa gad hiixatee gugee sana gara dooniitti iddoo ofii jirutti ol galche. 10Ammas guyyaa torba turee gugee sana doonii keessaa gad baasee erge. 11Gugeen sunis galgala yommuu gara isaatti deebitetti kunoo, baala ejersaa kan amma kutame afaanitti qabattee turte. Kanaanis Nohi akka bishaanichi gad hirʼate beeke. 12Ammas guyyaa biraa torba turee gugee sana deebisee erge; gugeen sun garuu lammata gara isaatti hin deebine.
13Umurii Nohii waggaa dhibba jaʼaa fi tokkoffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jalqabaatti, bishaanichi lafa irraa goge. Nohis qadaada doonii sanaa irraa fuudhee ilaalee kunoo akka lafti gogde arge. 14Guyyaa digdamii torbaffaa jiʼa lammaffaatti lafti guutummaan guutuutti gogde.
15Waaqnis Nohiin akkana jedhe; 16“Atii fi niitiin kee, ilmaan keetii fi niitonni ilmaan keetii kottaa doonii keessaa baʼaa. 17Akka isaan lafa irratti baayʼataniif, akka isaan horanii lafa irratti baayʼataniif, gosa uumamawwan lubbu qabeeyyii si wajjin jiran hunda jechuunis simbirroota, bineensotaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hunda gad baasi.”
18Kanaafuu Nohi ilmaan isaatii fi niitii isaa, niitota ilmaan isaa wajjin gad baʼe. 19Bineensonni hundii fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundinuu, simbirroonni hundi jechuunis wanni lafa irra jiraatu hundi gosuma gosaan doonii sana keessaa gad baʼan.
20Nohis Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaare; horii fi simbirroota qulqulluu hunda keessaa fuudhee iddoo aarsaa sana irratti aarsaa gubamu dhiʼeesse. 21Waaqayyos foolii tolaa sana urgeeffatee garaa isaa keessatti akkana jedhe; “Yoo wanni namni ijoollummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hammina taʼe illee ani sababii namaatiif jedhee lammata lafa hin abaaru. Ani akkan kanaan dura godhe sana deebiʼee uumamawwan jiraatoo hunda hin balleessu.
22“Hamma lafti jirtutti,Kakuu Waaqni Nohi wajjin Gale
9:1Waaqni akkana jedhee Nohii fi ilmaan isaa eebbise; “Horaa, baayʼadhaa, lafas guutaa. 2Sodaachisuu fi naasisuun keessan bineensota lafaa hundumaa fi simbirroota samii hundumaa, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa fi qurxummiiwwan galaanaa hundumaa irra haa buʼu; isaan harka keessanitti kennamaniiru. 3Wanni jiraatuu fi wanni munyuuqu hundi nyaata isiniif ni taʼa. Ani akkuman biqila lalisaa isinii kenne sana ammas waan hunda isiniif nan kenna.4“Isin garuu foon lubbuu isaa wajjin jechuunis dhiiga isaa wajjin hin nyaatinaa. 5Ani dhugumaan dhiiga keessan kan lubbuun keessan keessa jirtu nan barbaada. Bineensa hunda irraa nan barbaada. Obboleessa nama hundaa irraas lubbuu namaa nan barbaada.
6“Nama dhiiga namaa dhangalaasu,7Isinis horaa, baayʼadhaa; lafa guutaa, irrattis baayʼadhaa.”
8Ergasii Waaqni Nohii fi ilmaan isaa warra isaa wajjin turaniin akkana jedhe; 9“Kunoo ani isinii fi sanyii keessan warra isin booddee wajjin kakuu koo nan hundeessa. 10Akkasumas uumamawwan lubbu qabeeyyii isin wajjin turan hunda jechuunis simbirroota, horii fi bineensota lafaa hunda, waan isin wajjin doonii keessaa baʼe hunda, uumamawwan lafa irra jiraatan hunda wajjinis kakuu koo nan hundeessa. 11Akka siʼachi wanni lubbuu qabu hundi deebiʼee bishaan badiisaatiin hin badneef, siʼachi bishaan badiisaa lafa balleessuuf gonkumaa akka hin dhufneef ani isin wajjin kakuu koo nan hundeessa.”
12Waaqni akkana jedhe; “Mallattoon kakuu kan ani ofii kootii fi isin gidduutti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii isin bira jiran hunda gidduutti, dhaloota dhufuuf jiru hundaaf galu kanaa dha. 13Ani sabbata koo duumessa keessa dhaabeera; innis kakuu anaa fi lafa gidduu jiruuf mallattoo taʼa. 14Yeroo ani lafa irratti duumessa fidee sabbanni koo duumessa keessaan mulʼatutti, 15ani kakuu koo kan ofii kootii fi isin gidduu, uumamawwan lubbu qabeeyyii gosa hundaa gidduus jiru sana nan yaadadha. Bishaanonnis deebiʼanii lubbuu hunda balleessuuf gonkumaa bishaan badiisaa hin taʼan. 16Yeroo sabbanni koo duumessa keessaan mulʼatutti, ani isa ilaalee kakuu bara baraa kan Waaqaa fi uumamawwan lubbu qabeeyyii gosa hundaa kanneen lafa irra jiraatan gidduu jiru sana nan yaadadha.”
17Kanaafuu Waaqni Nohiin, “Kun mallattoo kakuu ani ofii kootii fi lubbuu lafa irra jiraatu hunda gidduu dhaabe sanaa ti” jedhe.
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.