Macaa Amantaa

Barnoota 5

Fayyina: Waadaa Waaqayyoo Abrahaamif galateeffame

Uumama 12:1-8, 15:1-6

Kutaa 1: Asoosama dubbisi

Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.

x1.0

Waamamuu Abraam

12:1 Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe; “Biyya kee, saba keetii fi mana abbaa keetii dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi.

  2“Ani saba guddaa sin taasisa;
    sin eebbisas;
  maqaa kee illee guddaa nan taasisa;
    atis eebba taataa.
  3Ani warra si eebbisan nan eebbisa;
    warra si abaaran nan abaara;
  sabni lafa irraa hundinuu
    karaa keetiin eebbifama.”

4Kanaafuu Abraam akkuma Waaqayyo isatti himetti kaʼee deeme; Looxis isa wajjin deeme. Abraam yeroo Kaaraanii baʼetti nama waggaa torbaatamii shan ture. 5Innis niitii isaa Saaraa, ilma obboleessa isaa Loox, qabeenya walitti kuufatan hundumaa fi namoota Kaaraanitti argatan hundumaa qabatee Kanaʼaan dhaquuf kaʼe; isaanis achi gaʼan.

6Abraamis hamma qilxuu Mooree kan Sheekem keessatti argamuutti biyyattii keessa deeme. Yeroo sana warri Kanaʼaan biyya sana keessa turan. 7Waaqayyo Abraamitti mulʼatee, “Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna” jedheen. Kanaafuu inni achitti Waaqayyo isatti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa ijaare.

8Achii kaʼee gara gaarran Beetʼeel irraa gara baʼa biiftuutti argamanii deemee Beetʼeelin gara lixa biiftuutti, Aayin immoo gara baʼa biiftuutti hambisee dunkaana isaa dhaabbate. Achitti Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaaree maqaa Waaqayyoo waammate.

Kakuu Waaqni Abraam Wajjin Gale

15:1Kana booddee dubbiin Waaqayyoo mulʼataan gara Abraam dhufee akkana jedhe;

  “Yaa Abraam hin sodaatin;
    ani gaachana keetii fi
    gatii kee guddicha.”

2Abraam garuu, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, waan ani ijoollee hin qabneef namni qabeenya koo dhaaluuf jiru Eliiʼezer namicha Damaasqoo kana; egaa ati maal naa kennita?” jedhe. 3Abraam, “Kunoo ati ijoollee tokko illee naa hin kennine; hojjetaan mana koo jiraatu tokko kunoo na dhaaluuf jira” jedhe.

4Kunoo dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee, “Ilma gudeeda keetiitu dhaaltuu kee taʼa malee namichi kun dhaaltuu kee hin taʼu” jedhe. 5Innis Abraamin gad baasee, “Samiiwwan ol ilaaliitii yoo urjiiwwan lakkaaʼuu dandeesse lakkaaʼi” jedhe. Itti fufees, “Sanyiin kees akkanuma baayʼata” jedheen.

6Abraam Waaqayyotti amane; innis qajeelummaatti lakkaaʼeef.

Kutaa 2: Akkaataan Gabaasa Gaarii

Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.

Kutaa 3: Odeeffannoo Barbaadi

Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.


Get it on Google Play
Download on the App Store

Get Discovery Bible Studies on your phone

Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.