Macaa Amantaa

Barnoota 10

Dhaqqabuu warra dhaban (kutaa 2)

Maatewos 9:35-38, 10:1-16

Kutaa 1: Asoosama dubbisi

Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.

x1.0

Hojjettoonni Muraasa

9:35Yesuus manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa lallabaa, akkasumas dhibee fi dhukkuba hunda irraa namoota fayyisaa magaalaawwanii fi gandoota hunda keessa deeme. 36Innis yommuu tuuta namootaa argetti garaa laafeef; isaan akkuma hoolota tiksee hin qabneetti dhiphatanii, gatamaniis turaniitii. 37Barattoota isaatiinis akkana jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa. 38Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.”

Yesuus Barattoota Kudha Lamaan Erguu Isaa

10:1Yesuus barattoota isaa kudha lamaan ofitti waamee akka isaan hafuurota xuraaʼoo baasaniif, dhibee fi dhukkuba hundumaa akka fayyisaniif taayitaa kenneef.


2Maqaan ergamoota kudha lamaaniis kana:


  Jalqabatti Simoon isa Phexros jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriiyaas,
  Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis,
  3Fiiliphoos, Bartaloomewoos,
  Toomaas, Maatewos isa qaraxa walitti qabu,
  Yaaqoob ilma Alfewoosii fi Taadewoos,
  4Simoon Hinaafticha, Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne.

5Yesuusis warra kudha lamaan kanneen erge; akkanas jedhee isaan ajaje; “Gara Namoota Ormaa hin dhaqinaa; magaalaawwan Samaariyaa tokko illee hin seeninaa. 6Qooda kanaa gara hoolota mana Israaʼel kanneen badan sanaa dhaqaa. 7Yommuu dhaqxanittis, ‘mootummaan samii dhiʼaateera’ jedhaa lallabaa. 8Dhukkubsattoota fayyisaa; warra duʼan kaasaa; warra lamxaaʼan qulqulleessaa; hafuurota hamoo baasaa. Tola waan argattaniif toluma kennaa.

9 “Sabbata keessanitti warqee yookaan meetii yookaan sibiila diimaa hin qabatinaa; 10karaa keessaniif korojoo yookaan kittaa lama yookaan kophee yookaan ulee hin qabatinaa; hojjetaaf waan isa barbaachisu argachuun ni malaatii. 11Magaalaa yookaan ganda seentan kam iyyuu keessa nama malu barbaadaa; hamma achii baatanittis manuma isaa turaa. 12Yommuu mana sana seentanittis nagaa gaafadhaa. 13Nagaan keessan yoo mana sanaaf male, mana sanaaf haa taʼu; yoo isaaf hin malin garuu nagaan keessan isiniif haa deebiʼu. 14Yoo namni tokko illee isin simachuu baate yookaan dubbii keessan dhagaʼuu baate, yeroo mana yookaan magaalaa sanaa baatanitti awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa. 15Ani dhuguma isinittin hima; guyyaa murtiitti magaalaa sana irra Sodoomii fi Gomoraaf ni salphata.

16 “Kunoo, ani akka hoolotaa gara gidduu yeeyyiittin isin erga. Kanaafuu akka bofaa ogeeyyii, akka gugee garraamii taʼaa.

Kutaa 2: Akkaataan Gabaasa Gaarii

Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.

Kutaa 3: Odeeffannoo Barbaadi

Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.


Get it on Google Play
Download on the App Store

Get Discovery Bible Studies on your phone

Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.