
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
Yesuus Nama Torbaatamii Lama Erguu Isaa
10:1Kana booddee Gooftaan namoota biraa 72 muudee gara magaalaawwanii fi lafa ofii dhaquuf ture hundaatti lama lamaan of dura isaan erge. 2Akkanas isaaniin jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa. Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa. 3Deemaa! Ani akka ilmoolee hoolaa gara gidduu yeeyyiitti isin erga. 4Borsaa yookaan korojoo yookaan kophee hin qabatinaa; karaa irrattis nama tokko illee nagaa hin gaafatinaa.5 “Yeroo mana tokko seentanitti dursaatii, ‘Nagaan mana kanaaf haa taʼu’ jedhaa. 6Yoo namni nagaa achi jiraate, nagaan keessan isaaf taʼa; yoo kanaa achii nagaan keessan isiniif deebiʼa. 7Waan isaan isinii kennan hunda nyaachaa, dhugaas achuma turaa; hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni malaatii. Manaa gara manaatti hin labinaa.
8 “Yeroo magaalaa tokko seentanii simatamtanitti waanuma isinii dhiʼaate nyaadhaa. 9Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaatii, ‘Mootummaan Waaqaa isinitti dhiʼaateera’ jedhaa isaanitti himaa. 10Yoo magaalaa tokko seentanii isin simachuu baatan garuu gara daandii magaalaatti baʼaatii akkana jedhaa; 11‘Nu akka akeekkachiisa isinii taʼuuf awwaara magaalaa keessanii illee miilla keenya irraa dhadhaʼanna. Taʼus waan kana beekaa: Mootummaan Waaqaa dhiʼaateera.’ 12Ani isinittin hima; gaafas magaalaa sana irra Sodoomiif ni salphata.
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.