Macaa Amantaa

Barnoota 3

Akkamitti namoonni dhufan?

Yohannis 6:35-45

Kutaa 1: Asoosama dubbisi

Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.

x1.0

6:35Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu. 36Akkuma ani isinitti hime isin na argitaniirtu; garuu amma iyyuu hin amantan. 37Kan Abbaan naa kennu hundi gara koo ni dhufa; anis kan gara koo dhufu gonkumaa alatti hin ariʼu. 38Ani fedhii isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf samii irraa gad hin buuneetii. 39Fedhiin isa na ergees akka ani warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti duʼaa kaasuuf malee akka ani isaan keessaa tokko illee balleessuuf miti. 40Fedhiin Abbaa kootiis akka namni Ilma ilaalee isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”

41Kana irratti Yihuudoonni sababii inni, “Ani buddeena samii irraa gad buʼee dha” jedheef isatti guungumuu jalqaban. 42Isaanis, “Kun Yesuus ilma Yoosef, isa nu abbaa fi haadha isaa beeknu sana mitii? Yoos inni akkamitti, ‘Ani samii irraa gad buʼeera’ jedha ree?” jedhan.

43Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Walitti hin guunguminaa. 44Abbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa. 45Raajota keessatti, ‘Isaan hundi warra Waaqa irraa baratan ni taʼu’ jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa.

Kutaa 2: Akkaataan Gabaasa Gaarii

Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.

Kutaa 3: Odeeffannoo Barbaadi

Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.


Get it on Google Play
Download on the App Store

Get Discovery Bible Studies on your phone

Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.