Macaa Amantaa

Barnoota 4

Ulfinni Waaqayyoo

Yohannis 17:1-5

Kutaa 1: Asoosama dubbisi

Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.

x1.0

Yesuus Ofiif Kadhachuu Isaa

17:1Yesuus wantoota kanneen dubbatee gara samii ol ilaalee akkana jedhe:

“Yaa Abbaa, saʼaatiin sun gaʼeera. Akka Ilmi kees ulfina siif kennuuf, ati Ilma keetiif ulfina kenni. 2Akka inni warra ati isaaf kennite hundaaf jireenya bara baraa kennuuf, nama hunda irratti taayitaa isaaf kenniteertaatii. 3Jireenyi bara baraas kana: innis akka isaan siʼi Waaqa dhugaa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekaniif. 4Ani hojii ati akka ani hojjedhuuf natti kennite sana raawwachuudhaan lafa irratti ulfina siif kenneera. 5Yaa Abbaa, amma immoo ati ulfina ani utuu addunyaan hin uumaminiin dura si biratti qabaadhe sanaan of biratti na ulfeessi.

Kutaa 2: Akkaataan Gabaasa Gaarii

Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.

Kutaa 3: Odeeffannoo Barbaadi

Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.


Get it on Google Play
Download on the App Store

Get Discovery Bible Studies on your phone

Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.