Macaa Amantaa

Barnoota 5

Waamameef kan hin geenyeef

Roomaa 15:14-23

Kutaa 1: Asoosama dubbisi

Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.

x1.0

Phaawulos Tajaajilaa Namoota Ormaa Taʼuu Isaa

15:14Yaa obboloota ko, isin ofii keessanii akka gaarummaadhaan guutuu taatan, akka beekumsaan guutamtanii fi akka wal gorsuu dandeessan ani iyyuu hubadheera. 15Ani sababii ayyaana Waaqni naaf kenneetiif waan tokko tokko isin yaadachiisuuf jedhee ija jabinaan isinii barreesseera; 16kunis akka Namoonni Ormaa Hafuura Qulqulluun Qulqulleeffamanii fuula Waaqaa duratti aarsaa fudhatama qabu taʼanii fi akka ani lubummaa wangeela Waaqaa lallabuutiin Namoota Ormaatiif tajaajilaa Kiristoos Yesuus taʼuuf.

17Kanaafuu ani Waaqa tajaajiluu kootiin Kiristoos Yesuusiin nan boona. 18Ani waan Kiristoos waan ani jedhee fi hojjedheen akka Namoonni Ormaa Waaqaaf ajajaman gochuudhaan karaa kootiin raawwateen alatti homaa dubbachuuf ija hin jabaadhu; 19kunis humna mallattoo fi dinqiitiin, humna Hafuura Qulqulluutiinis raawwatame. Kanaafuu ani Yerusaalemii jalqabee naannaʼuun hamma Ilwaariqoonitti guutummaatti wangeela Kiristoos lallabeera. 20Ani akka hundee namni biraa buuse irratti hin ijaarreef lafa Kiristoos itti hin beekaminitti wangeela lallabuuf yeroo hunda tattaaffadheera. 21Kunis isa,

  “Warri waaʼeen isaa itti hin himamin ni argu;
    warri hin dhagaʼinis ni hubatu”

jedhamee barreeffamee dha. 22Anis kan yeroo baayʼee gara keessan dhufuu dhowwameef kanuma.

Phaawulos Roomaa dhaquuf Karoorfate

23Amma garuu naannoowwan kanneenitti iddoon itti hojjedhu waan hin jirree fi anis waan isin arguuf waggaa baayʼee hawwaa tureef,

Kutaa 2: Akkaataan Gabaasa Gaarii

Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.

Kutaa 3: Odeeffannoo Barbaadi

Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.


Get it on Google Play
Download on the App Store

Get Discovery Bible Studies on your phone

Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.