Macaa Amantaa

Barnoota 8

Akka Yesus ta'uu

Fiiliphisiyuus 2:5-11

Kutaa 1: Asoosama dubbisi

Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.

x1.0

2:5Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.

  6Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu,
    wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu optbreak/> akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne;
  7qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee
    fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.
  8Bifa namaa uffatee argamuudhaanis,
    gad of deebise;
      duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!

  9Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe;
    maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne.
  10Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti,
    lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf.
  11Akka arrabni hundinuus 11
    Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.

Kutaa 2: Akkaataan Gabaasa Gaarii

Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.

Kutaa 3: Odeeffannoo Barbaadi

Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.


Get it on Google Play
Download on the App Store

Get Discovery Bible Studies on your phone

Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.